Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni mootummaa Paarkii Indaastirii qindeessa oomisha qonnaa Yirgaalem daawwatan

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (FBC) – Hoggantoonni mootummaa Paarkii Indaastirii qindoomaa qindeessa oomisha qonnaa Yirgaalem daawwataniiru.

Daawwanicharratti preezdaantii naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoo, Komishinarri Komishinii Invastimantii Lalisee Namee, itti aanaan komishinichaa komishinar Daani’eel Tarreessaa fi hoggantoonni bulchiinsa paarkichaa argamaniiru.

Daawwannaa booda filannoo invastimantii fi yaa’iinsa hojiirratti mari’ataniiru.

Akkasumas haala beeksisaa, nageenyaa hojjettootaa fi dhimmoota wal qabatanirratti mari’achuun kallattii kaa’aniiru jedhame.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.