Fana: At a Speed of Life!

Komiishinin Poolisii Federaalaa ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf qophii xumuru ibse

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (FBC)- Komiishinin Poolisii Federaalaa ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf qophii xumuru ibseera.
Ityoophiyaatti bifa ho’aan kan kabajamuu ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan akka kabajamuuf komiishinoonni poolisii federaa, naannoo, Finfinnee fi Dirree Dawaa akkasumaas tajaajjilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyoolessaa fi qaamolee nageenyaa fi haqaa qophii ga’aa taasisuun qindoominaan hojjechaa jiraachuu Komishiniin Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa beeksiseera.
Wagga waggaan kan kabajamuu ayyaanni Kataaraa fi Cuuphaa kan bara kanaas kabajamuuf qophiin taasifamaa jira.
Iddoowwan tursiisa taabootaa fi kabajaa ayyannichaa bakka namoonni hedduun itti argamanitti xiyyeeffanoon tajaajjilli poolisii kan itti laatamu ta’u ibsameera.
Richiiti dhukaasuun farreen nageenyaaf haala mijataa waan uumuuf richiiti dhukaasuun kan hin danda’amne ta’uus ibsameera.
Haawasni wayita ayyaanicha kabajaatu of eegganno barbaachisaa akka taasisuu fi haalonni shakkisiisaan yoo mudatan ariitiin tajaajila poolisii argachuuf ykn eeruu laachuuf sararoota bilbilaa 0115-52-63-03፣ 0115-52-40-77፣ 0115-54-36-78 fi 0115-54-36-81 akkasumas sarara bilbilaa bilisaan 987 fi 816 fayyadamuun akka danda’amu komishinichi ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.