Fana: At a Speed of Life!

Jilli Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa Godina Jimmaatti Aanaa Geeraa fi Qarsaatti hojiilee oomisha qonnaa daawwate

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC)- Jilli Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa Godina Jimmaatti Aanaa Geeraa fi Qarsaatti hojiilee oomisha qonnaa daawwachuun qaamolee hawaasaa waliin mari’atee jira.

Jilli Koreewwan Dhaabbii Caffee Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Baajataa fi To’annoo Baasii Mootummaa obbo Yiilmaa Wayyeessaan durfamu Aanaa Geeraa fi Qarsaatti qonna Qamadii, kilaastara bunaa, kuduraafi muduraa adda addaa jallisiin misoomaa jiru daawwateera.

Daawwannaa Aanaa Geeraatti taasifameen oomishni kilaastara qamadii tokko yommuu ta’u, misooma Bunaa babal’isuuf hojii hojjetamaa jiru dinqisiifachuun muuxannoon kun bakkeewwan biroottis babal’ate diinagdee qonnaan bulaa keenyaa guddisuu irra darbee diinagdee biyyaa keessattis shoora olaanaa kan taphatu ta’uu obbo Yiilmaan ibsaniiru.

Aanaa Qarsaattis Ganda Marawaatti Avukaadoo, Muuzii fi Paappayyaan xaa’oo uumamaa kompoostiin hektaara 1,800 irratti dargaggoota hoji dhabeeyyii waldaan gurmaa’aniin misooma kan jiru ta’uu Itti Aanaa Bulchaan Aanichaa obbo Shamsuu Kamaal kan himan.

Gama biraatiin, jilli kun mana barumsaa sad.2ffaa Sarbootti daawwannaa taasiseen dhiyeessiin kitaabota Herreegaa, Fiiziksii, Keemistiriifi Ingiliffaa kutaa 11fi 12 kan hin jirre ta’uusaafi kutaa 9fi 10 birattis dhiyeessiin kitaabotaa rakkoo ta’uusaa eeruun dhaloota qaruu keessatti gumaachi barsiisaan qabu adda durummaan kan ilaalamu waan ta’eef hanqinni barsiisotaas kan jiru ta’uu dhimma rakkoolee akka mana barumsichaatti koree kanaan ilaalaman keessaa isaan ijoodha.

Jilli kun, daawwannaa taasisuun cinaattis dhimmoota adda addaa irratti hawaasa Aanaalee lamaanii waliin marii taasisee jira.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.