Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee misooma jiru irraa waggoota dheeraaf fayyadamoo hin taane jedhame

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC)- Jirattoonni godina Addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee bu’uuraalee misoomaaf madda ta’aanis misooma jiruu irraa waggoota dheeraaf fayyadamoo hin taane jedhameera.
Bulchaan godina Addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee obbo Girmaa Haayiluu, godinichi giddugala sochii diinagdee fi haandhuura oromiyaa fi biyyaa ta’uus waggoottan darbanitti sababa siyaasaatiin hawaasni fayyadamoo hin taanee jedhaniiru.
Yeroo ammaa kana hawaasicha gama misoomaa fi hawaas diinagdeen fayyadamaa akka ta’uuf proojaktiin Qinda’aa Gumaata Caffee Tumaa hojjechaa jira jedhaniru.
Proojektiin Qinda’aa Gumaata Caffee Tumaa baatiwwan 8 dura hawaasa godina Addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee fayyadamaa taasisuuf kan hundeeffameedha.
Guyyaa har’aas godinchatti marii invastaroota fi qaamolee adda addaa waliin dhimma proojektii Gumaata Caffeerratti gaggeeffameera.
Mariichaan Qindeessaan Projeektii Qinda’aa Gumaata Caffee Tumaa obbo Takattal Ababaa, proojektichi yeroo gara hojitti seenuus rakkoowwan kanneen akka dhiyeessii bu’uraalee misomaa, kenniinsa tajaajilaa fi hojii dhabdummaa hir’isuuf kan hojjetamuu ta’u himaniiru.
Proojaktichi yeroo gara hojitti seenu rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuun, olaantummaa seeraa kabachiisuun fi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun fedhii hawaasaa gutuuf shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.
Proojektichiis proojaktoota 18 of jalatti haamachuun qaamolee hawaasa sadarkaa garagaraa mootummaa dabalatee madda galii taasisuun, baasii Birrii biiliyoona 3.2n namoota miiliyoona 10 fayyadamaa taasisaas jedhameera.
Jamiilaa Jamaaltu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.