Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Bahaar Daaritti hawaasa kutaa biyyattii garaagaraarra walitti babba’an waliin mariin hariiroo ummataa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC) – Magaalaa Bahaar Daaritti hawaasa kutaa biyyattii garaagaraarra walitti babba’an waliin mariin hariiroo ummataa gaggeeffamaa jira.

Marichi  mata duree ‘sirna siyaasaa tasgabbii qabuu fi Demookraasii walitti dhufeenyaa ummataa fi tokkummaaf’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Maricharratti abbootiin Gadaa jaarsooliin biyyaa, abbootiin amantaa, hayyoonni, bakka bu’oonni ummataa, ogeeyyiin aartii fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaataniiru.

Waltajjicharratti barreeffamoonni garaa garaa dhiyaachuun irratti ni mari’atama jedhameera.

Rakkoolee gurguddoo ce’umsa demookiraasii fi adeemsa jijjiiramaa biyyattii mudataa jiru irrattis mariiin ni gaggeeffama jedhamee eeggama.

Waltajjichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, qabxiilee ijoo waloo biyyaarratti xiyyeeffachuun ni mari’atama jedhame.

Naatinaa’eel Xigaabuu fi Tizzitaa Dassaalenyitu gabaase.

 

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.