Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa caasaalee hojii boonsaa hojjetan badhaaase

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa caasaalee hojii boonsaa hojjetan badhaaase.
Biiriichi karoora waggaa shanii keessa kan waggaa 1ffaa ariitii fi sadarkaa barbaachisaa irraan ga’uuf caasaalee isaa waliin hojjechaa turee ibsame.
Jijjiirrama akka biyyaatti dhufe itti fufsiisuuf biirichi hojiiwwaan gurgoddoo haala hojii mijataa,bobba’insa hojii fi eegumsa hawaasummaa irratti xiyyeeffannoodhaan hojjetaa jira jedhame.
Bu’uuruma kanaan gamaaggama kurmaana 1ffaan caasaa godinaalee, magaalotaa fi aanaalee waliin guyyoota afuriif adeemsisaa tureen kanneen raawwii olaanaa galmeessisan badhaasee jira.
Leenjiin human raawwachiisummaa humna namaa bifa hirmaachisaa ta’een mata dureewwan Imaammataa fi eegumsa hawaasummaa, labsii dhimma hojjetaa fi hawaasummaa lakk.1156/2011,godaansa seeraan alaa fi qajeelfama raawwii eeyyama hojii ejansiiwwanii fi hojjetaa biyya keessaa wal qunnamsiisan irratti ballinaan kennamaa turuu isaa ibsameera.
Ministera Deetaan Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawasaummaa Federaalaa aadde Ayyalech Isheetee xumura leenjiichaarratti argamuun gaaffiwwaan dhimmoota labsii hojjetaa fi hojjechiisaa akkaataa ittisa godaansa seeraan alaa,nageenya industirii fi kenna ayyama ejansiiwwanii irratti deebii kennaniiru.
Labsiiwwaani fi qajeeltowwaan akka federaalaatti fooyya’uu qabani irratti akka ilaalamuu qaban himanii jiru.
Keessattuu deemsa hojii gara biyyaaf sababa COVID-19n cufamanii kan turan bakkeewwan tokko tokkotti banamanii jiru jedhan.
Qaamooleen hojii kana irratti bobba’anii jiran irratti hojjechuu danda’us jedhaniiru.
Hoggantuun Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa aadde Jamiilaa Sinbiruu qaamota hojii isaanii akkaataa karoora isaanin hojjetani milkaa’an galateffachuun hanqinoota bakka tokko tokkotti mullatan kurmaana itti aanu keessatti ciminaan hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Cimininoota jiran akka muuxannoo gaaritti walirraa qooddachuun barbaachisaa ta’uu dubbachuu isaanii Biiroon Dhimmoota Kominiikeeshinii Mootummaa Naannoo Ormiyaa ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.