Fana: At a Speed of Life!

Oomisha Qonnaaf walitti hidhamiinsa gabaa uumurratti qooda fudhattoota waliin mari’atame

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Ministeerri Qonnaa Oomishaa Qonnaaf walitti hidhaminsaa gabaa uumuuf qooda fudhatootaa waliin marii taasiiseera.
Oomishaa biyya alaarraa galan kan biyyaa keessan bakka buusuu fi gabaa alaaf dhiyeessuun murteessaa ta’uu marichaan ibameera.
Oomishaalee sharafaa argamsiisanirraatti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uus himameera.
Oomishaa fi Oomishtummaa qonnaa guddsuu, Imaammataa lafaa, rakkoo itti fayyadama lafaa,dhiyeessii galtee, itti fayyadama teeknoolojii fi bishaanii hiikuuf imaammata fooyyeessuun barbaachisaa ta’ee argamuu Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen dubbataniiru.
Bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa, galtee fi dhiyeessii teeknoolojii, itti fayyadama bishaani fi misooma Jaalisii, hirmaannaa dhaabbilee dhuunfaa dabaluu fi bu’a qabeessa taasisuuf hojmaata dhaabbatichaa waliigalaarratti fooyya’iinsi taasifamuun himaniiru.
Ministir Deettaan Ministeera Qonnaa fi dhiyeessii galtee Aynaalam Nugusee oomishaa qonnaa akka Biziinaasiitti fayyadamuu fi bu’a qabeessa taasisuu keessatti, Carraa hojii uumuun,Indaastirii dhuunfaa hirmaachisuu fi diinagdee biyya guddisuuf imaammani qonnaa fooyya’uu ibsaniiru.
Ministeera Qonnaatti Ministir Deetaan Misoomaa Qonnaa Dooktar Maandafroo Nugusee gama isaaniin misooma qonnaarratti jijjiirrama bu’uraa fiduuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qamadii biyya keessatti oomishuun baasii birrii miiliyoona dhibba 7 ol oolchuun danda’ameera jedhan.
Mootummaanis damee qonnaa guddisuuf taabileetoota kuma 35 ol ogeeyyii qonnaaf kan qoodu ta’uu ragaan Ministeera Qonnaarraa arganne ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.