Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni 84 Sudaanii gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanonni 84 Sudaanii gara biyyaa deebi’an.
 
Namoonni deebi’an kanneen faddaaltotaa fi daddabarsitoota namoota seeran alaa harka bu’aniit turan.
 
Ityoophiyaanonni 84n kanneen Sudaanitti Imbaasii Ityoophiyaa fi Dhaabbata Baqattoota Idil Addunyaatin kaleessa galgala gara biyyaa deebi’aniiru.
 
Lammiilen baqannaarra turan kunniin man kuusaa keessatti dhoksaan itti cufamuun gara baha jiddugalaatti dabarfamuuf turan.
 
Sudaanitti Imbaasiin Ityoophiyaa kanaan duras lammiilee rakkoo walfakkaataaf saaxilamanii manneen hidhaa keessa turan 300 ol mootummaa Sudaan waliin mari’atee gara biyyaa akka deebi’an taasisuun isaa ni yaadatama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.