Fana: At a Speed of Life!

Wal morkiin kilaboota liigii kubbaa miilaa Oromiyaa taasifama jira

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC)- Wal morkiin kilaboota liigii kubbaa miilaa Oromiyaa taasifama jira.
Tapha liigii kubbaa miilaa kilaboota Oromiyaa bara kanarratti kilaboonni 48 ramaddii 7tti qoodamanii kan morkatan yoo tahu, taphni liigii Oromiyaa kilaboota ramaddii B jalatti argamanii magaalaa Naqamtee Istaadiyoomii Naqamteetti gaggeeffamaa jira.
Ramaddii kana jalatti kilabni kubbaa miilaa Geedoo, Gimbii, Beddellee,Arjoo Guddattuu fi Danbi Doolloo hirmaachaa jiru.
Kilaboonni ramaddii isaanirraa 1ffaa fi 2ffaan goolaban, gara marsaa itti aanuutti waliin erga morkatanii booda kilaboonni 4 gahamusa agarsiisaniin Oromiyaa bakka bu’uudhaan Shaampiyoonaa kilaboota naannoolee Ityoophiyaarratti akka hirmaataan itti gaafatamaan waajjira federeshinii kubbaa miilaa Oromiyaa obboo Firoomsaa Laggasaa himaniru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenyahttps://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.