Fana: At a Speed of Life!

Lafa heektaara miiliyoona 9 irraa oomishni walitti qabame – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) – Bara oomishaa 2012/2013 oomisha lafa heektaraa miiliyoona 13.4 irratti misoomee ture keessaa hanga ammaatti lafa heektaara miiliyoona 9 irraa sassaabbamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Naannoo Tigraayitti oomishni walitti qabamus sababa haala yeroon ragaa qabatamaan argamuu hin dandeenye jedhan Ministeerichatti Daayreektarri misooma midhaanii obbo Isaayyaas Lammaan.
Waliigala lafa misoome keessaa yeroo ammaa % 15 qofatu hafa jedhaniiru.
Bara oomishicha lafti heektaarri miiliyoonni 3 ol kilaasteeraan misoomuu ibsameera.
Lafti heektaarri miiliyoonni 1 ol ammoo Tiraakteraan qotamee ture jedhan.
Xaa’oo biyyoo kuntaalli miiliyoonni 16 qophaa’e keessaa % 80 hojiirra ooluu himaniiru.
Sanyii filatamaan kuntaalli kumni dhibbi 7 ol qonnaan bultootaaf dhiyaachuu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.