Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Bahaatti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Waajjira Giiftii Dureen ijaarrame eebbifame

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) – Godina Shawaa Bahaatti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifa Liiban Waajjira Giiftii Dureen ijaarrame eebbifame.
Sirna eebbaa kanarratti Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachaw, Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi hogganaan Biiroo barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon argamaniiru.
Manni marumsichaa baajata birrii miiliyoona 25 ijaarramu ibsameera.
Manni barumsaa godina shawaa Bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Goongootti ijaarrame kun waggaa tokko keessatti kan xumurame ta’uu eerrameera.
Bara kana barattoota 220 simachuun barsiisuu ni eegala jedhame.
Naannoo Oromiyaatti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa godina Shawaa Kaabaa, Harargee Lixaa fi Gujii Lixaatti Waajjira Giiftii dureen ijaarraman gara hojiiti galuun isaanii kan yaadatamuudha.
Dabalataan bara kanaa naannoo Oromiyaa godina Arsii Lixaa, Shawaa Lixaa, Wallagga Lixaa fi Jimmaatti Waajjirri Giiftii Duree manneen barnootaa kan ijaarsiisu ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.