Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin waloo komishinaroota Poolisii federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) – Yaa’iin waloo komishinarootaa 12ffaan Poolisii federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.
Yaa’ii waloo komishinarootaa kanarratti Komishinara komishinii Poolisii federaalaa jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel dabalatee, komishinaroonni poolisii naannolee fi bulchiinsa magaalootaa argamaniiru.
Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa keessummaa kabajaa ta’uun yaa’icharratti argamaniiru.
Yaa’ii guyyaa lamaaf turu kanaan caaseeffama poolisi federaalaa, rakkoolee kenniinsaa fi moggaasa sadarkaa guddinaa irratti muul’atu ilaalchisee gabaasni qorannoo dhiyaachuu himameera.
Karoora tarsiimoo waggaa 10 irrattis mariin ni taasiifama jedhame.
Kaayyoon yaa’ichaa Poolisii biyyattii sadarkaa fooyya’aatti guddisuuf ta’uu Komishinarri komishinii Poolisii federaalaa jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel ibsaniiru.
Ityoophiyaan akka biyyaatti akka itti fuftuuf raayyaa wareegama barbaachisu kaffalutu barbaachisa jedhan Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Kanas miseensonni raayyaa ittisaa fi Poolisii federaalaa qabatamaan agarsiisaniiru jedhaniiru.
Olaantummaa seeraa kabachiisuu fi walqixummaa mirkaneessuu keessatti ga’een Poolisii olaanaa ta’oo obbo Shimallis ibsaniiru.
Qophii duraa filannoo marsaa 6ffaa biyyaalessaa ilaalchise guyyaa boruu karoorri kan dhiyaatu ta’uus himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.