Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Proojektii daandii Tulluu Boolloo – Keellaa Aspaaltii uwwisuun eegalame

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) – Kiiloo Meetira 80 kan dheeratu ijaarsi Proojektii daandii Tulluu Boolloo – Keellaa gara hojii Aspaaltii uwwisuutti ce’uu ibsameera.
Kiiloo meetirri 26 guutummaatti kan xumurame yoo ta’u, kana hafe aspaaltii uwwisuun eegalameera.
Hojiin lafa qotuu, biyyoo guutuu, Alpaaltii fi ijaarsi riqaawwanii xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himameera.
Proojektiin kun naannoo Oromiyaa fi ummattoota ollaa naannoo Kibbaa kan wal qunnamsiisu ta’uu ibsameera.
Baajata mootummaa birrii biliiyoona 1.3 hojjetamaa jira jedhame.
Daandichi aanaalee 3 keessa qaxxaamuruun magaalaa Keellaa kan qaqqabu ta’uus eerrameera.
Proojekticha bara dhufutti xumuruuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ragaan Abbaa Taayitaa Daandiwwanii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.