Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dorgommiin fiigicha guddicha bara 2013 gaggeeffameera

Finfinnee, Amajjii 2, 2013 (FBC)- Ityoophiyaatti dorgommiin fiigicha guddicha bara 2013 gaggeeffamuu ibsame.
Dorgoommicha ka’umsaasa Addabaabaayii Masqalaa kan taasisee yoo ta’u, ga’umsasaa ammoo naannoo Atilaas ta’uu beekameera.
Dorgommicharratti atileetoonni dhiiraa fi shamarranii 300 hirmaataniiru.
Dubartoota keessaa Tsiggee G/Salaam Ityoo-Atileetiksiirraa 1ffaan yoo xumurtuu, sadarkaa 2ffaarraatti ammoo Madiin G/Sillaasee Baankii Daldalaarraa fi Gabaayinaash Ayyaalew Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa sadarkaa 3ffaan xumurteetti.
Akkasumaas dhiiroota keessaa Abbee Gaashaahuun manaa sirreessaa naannoo Amaaraa irraa sadarkaa 1ffaan yoo xumuruu, Taaddasaa Warquu Poolisii Kibbaa irraa sadarkaa 2ffaa fi Milkeessaa Mangaashaa kilabii Sabbataa sadarkaa 3ffaan xumureera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.