Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa sadarkaa ijaarsa manneen barnootaa proojektii ifa boruu gamaaggame

Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa sadarkaa ijaarsa manneen barnootaa proojektii Ifa Boruun ijaaramaa gamaaggameera.
Baatii 3 dura mootummaan naannoo oromiyaa baajata birrii biliyoona 4.9 olin manneen barnootaa bultii addaa 7, manneen barnootaa addaa 40 fi manneen barnootaa sadarkaa 2 ffaa 100 ijaarsisuuf proojekticha kontiraaktaroota 100 oliif kennuun isaa ni yaadatama.
Guyyaa har’a adeemsa ijaarsichaa kontiraaktaroota waliin gamaaggameera.
Maricharratti kan argaman sadarkaa itti aanaa Preesdaantiiti qindeessaan kilaastara misooma hawaasummaa Oromiyaatti obbo Addisuu Araggaan ijaarsi proojektichaa mana barumsaa ijaaruu qofa osoo hin taane dhimma dhaloota qaruu tii jedhan.
Manneen barnootaa 147 ijaarsi isaanii caamsaa 30 bara 2013 xumuramuun barnoota bara barnootaa 2014’f qophii akka ta’aniif dhaabbiileen ijaarsaa hojicha fudhatan itti gaafatamummaadhaan hojjechuu qabus jedhaniiru.
Kontiraaktaroonni ijaarsa fudhatan tokko tokko hanga % 60 kan ga’an yoo ta’u, ijaarsi waliigalaa manneen barnootaa 147 gidduugaleessaan %17 irra ga’uun eerameera.
Kontiraaktaroonni maricharratti hirmaatan rakkoon daangaa kabachiisuu, rakkoon dhiyeessii meeshaalee ijaarsaa fi kaffaltii dursaa waliin walqabatee jiru akka hiikkamuuf gaafataniiru.
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon gama isaaniitiin, rakkoolee jiran furuuf hojimaanni diriiruu ibsaniiru.
Rakkoleen hiikkamaani jiru jedhaniiru.
Buzaalem Beenyatu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.