Fana: At a Speed of Life!

Hojiin misooma Sululaa Baha, Kibbaa fi Gidduu galeessa Oromiyaatti eegalame

Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (FBC) – Hojiin misooma Sululaa Baha, Kibbaa fi Giddu galeessa Oromiyaatti guyyaa har’aa eegalamuu Biiroon Qonnaa fi qabeenya Uumamaa Oromiyaa Beeksiseera.
Hogganaan Biiroo Qonnaa fi qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen hojiin misooma sululaa guyyoota 45’f turu har’a eegalamuu himaniiru.
Oromiyaa Lixaarratti ammoo hojiin buna gamashuu eegalamuu kan himan obbo Dhaabaan guyyoota 10 booda hojii misooma sululaa guyyaa 45 turu ni eegalama jedhaniiru.
Hojii misooma sululaa kanaa hirmaannaan qooda fudhattootaa,sadarkaan jiranii fi ogeessota hunda fayyadamuun ummata bal’aa hirmaachisuun xiyyeeffannaa hojjetama jedhameera.
Misooma Sululaa xixiqqaa, Daagaa gosa adda addaa, Istiraakcheroota bishaan yaasan qopheessuu, Hallayyaa hidhuu, Istiraakcheroota jiidha qusatan fi iddoowwan biqiltuu qophessuu hojiilee jajjaboo hojjetaman keessaa isaan hangafa ta’uu himameera.
Naannoo Oromiyaatti lafa waliigalaa hojiiwwan misoomaa sululaarratti hojjetamu hektaara miiliyoonni 2 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 24 hojjechuuf karoofameera jedhame.
Hojii misooma sululaa hojjetamu kanarratti Uummata miiliyona 6 fi kuma dhibba 8 ni hirmaatu jedhamee eegama.
Akka OBN gabaaseett, hojiin misooma sululaa kunis Birrii Biiliyoona 7tti akka tilmaamamu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa irraa arganne ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.