Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministiroota waliigaltee doolaraa Ameerikaa liqa dhalarraa bilisaa miiliyoona 200 dabalatee wixineewwan labsii garaagaraa raggaasise

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (FBC)- Manni Maree Ministiroota walga’ii idilee 94ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garaagaraa irratti mari’ate murtoo dabarseera.
Manni marichaa wixinee labsii qajeelcha hojii biyya alaa foyyeessuf ba’eerratti mari’achuun galteewwan barbaachisan itti dabalamuun Manni Maree Bakka Bu’oota Ummata akka raggasisuuf qajeelcheera.
2. Wixinee labsii yakka Ityoophiyaa fi Ugaandaa gidduutti raawwatameef namoota barbadaaman dabarsanii laachuu fi dhimmoota yakkichaan tumsaan haqa waloo raggaasisuuf dhiyaate irratti mari’ateera.
Labsichaarratti erga mari’ate booda gara Mana Maree Bakka Bu’oota Umataatti akka qajeelfamu murteessera.
3.Manni marichaa wixinee labsii Ityoophiyaa fi Afrikaa kibbaa gidduutti waliigaltee dippiloomasii fi namoota paasspoortii Sarvizii qabatan Viizaa isaanii hambiisuuf ba’eerratti mari’achuun akka raggaa’uuf Mana Maree Bakka Bu’oota Umataatti qajeelchera.
4.Akkasumaas manni marichaa wixinee dambii qabiinsa herrega tajaajila boordii ooditiif laatamuuf kaffalamuu murteessuuf ba’ee irratti mari’ateera.
Haaluma kanaan manni marichaa wixinee dambichaarratti erga mari’ate dhimmoonni dabalamuu qaban ergaa dabalamanii dambichi gaazeexaa Nagaariitiin maxxanfamee hojiirra akka oolu murteesseera.
5. Wixinee dambii hundeeffama Ityoo Telekoom fooyyeessuf qophaa’eerratti mari’achuun gaazexaa Nagaariitiin maxxanfamee hojiirra akka ooluus murteesseera.
6. Manni marichaa wixinee labsii waliigaltee liqii sagantaa misoomaa Seeftiineetii boqonnaa 5ffaa raawwachiisu baherrittis mari’achuun murtee dabartseera.
Bara 2013 hanga 2017tti hojiirra kan oolu raawwii sagantaa misoomaa seeftiineetiif kan ooluu waliigaltee doolaraa Ameerikaa liqaa dhalarraa bilisaa miiliyoona 200 raggasisuuf wixineen labsii qophaa’ee dhiyaateera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.