Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 441 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 29, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 441 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 1 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 4,670 f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 441 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni haaraan 47 dandamataniiru.

Namoonni 12,238 yaalarratti argamu.

Namoonni 226 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 1 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 1,966 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 127,227 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.