Fana: At a Speed of Life!

Sochiin tajaajila tola oltummaa waloo keenyaaf fakkenyaadha-Aadde Adaanach

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC)- Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adanaach Abeebee magaalaa Finfinneetti mana jireenyaa harka qalleeyyii haaromsuu fi hojiin tajaajila tola oltummaa biroon walta’insa kenyaaf fakkenya jechuun ibsan.
Aadde Adanaach ayyaana Qillee sababeeffachuun, tumsa kutaa magaalaa Gulalleetin kutaa magaalichaa fi tola oltoonni magaalaa Sulultaa mana jireenyaa harka qalleeyyii haarofamee har’a laataniiru.
Mana jireenyaa harka qalleeyyii haaromsuu fi deeggarsi garaagaraa akka taasifamuuf shooraa isaanii kan ba’ataan tola oltootaa, jiraattootaa fi hooggantoota galateeffataniiru.
Hoji raawwachiisan kutaa magaalaa Gulallee obbo Abbawaay Yohaannis, ayyaana Qillee sababeeffachuun kutaa magaalichaatti hojiiwwan garaagaraa hojjetamuu ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.