Fana: At a Speed of Life!

Daandii laga Gibee – Jimmaaf suphaan taasifamaa jira

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (FBC)- Konkolaatootta hedduu keessummessuu fi heddummina tajaajilaatin kan miidhame daandiiin laga Gibee-Jimmaatif suphaan taasifama jira.
Daandiin laga Gibee- Jimmaa dheerina kiilo meetira 167 qaba.
Abba Taayitaa Dandiiwwan Ityoophiyaatti distiriktii Jimmaatiin hojiin suphaa kun raawwatamaa kan jiru.
Hoji gaggeessaan Distiriiktichaa obbo Solomoon Dammaqaa, daandiin laga Gibee-Jimmaa faayidaan diinagdee fi hawaasummaa laatu ilaalamuun suphaan taasifamuu murteessaa ta’uusaatin hojichi eegaleera jedhan.
Hojii suphaa kanaafi baajanni Birrii miiliyoonni 60 ol kan qabameef yoo ta’u, hojichi haala gaariin raawwatamaa jira jedhaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.