Fana: At a Speed of Life!

Bu’aan qormaata kutaa 8ffaa naannoo Oromiyaa ifoome

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Bu’aan qormaata naannoo kutaa 8ffaa naannoo Oromiyaa beekkamuu Biiroon Barnootaa naannoo Oromiyaa beeksise.

Qormaatni Sadaasa 30 hanga Muddee 2, 2013tti guutummaa Oromiyaatti kennamee ture bu’aan isaa beekkameera.

Waraqaan deebii kallattii Oromiyaa hunda irraa Manneen Barnootaa kuma 8 ol-irraa aanaatti, aanaa irraa godinatti, godina irraa BBOtti sassaabamee torban 3 keessatti halkanii fi guyyaa shiftii 3n biiroo keessa bulaa hojjetamee har’a bu’aan isaa beekameera.

Barattoota qormaata fudhatan kuma dhibba 4 ffi kuma 46 fi 907 keessa barattoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 17 fi 411 yookaa % 93.4 darbaniiru.

Barattootni kumni 29,fi 96 yookaa 6.6% kufuu isaanii maanaajimantiin Biiroo Barnoota Oromiyaa har’a murteesseera.

Bu’aan qormaataa kun waajjiraalee barnootaa godinaalee 21 fi waajjiraalee barnootaa bulchiinsa magaalotaa 19n Oromiyaaf kara hooggantootaa ‘telegram’ dhaan ergamuu biirichi beekisieera.

Waajjiraaleen kun bu’aa qormaataa kana gara aanaa isaaniitti dabarsuun , aanaaleen ammoo hardcopy isaa Manneen Barnootaa isaaniin borii kaasanii ni beeksisu jedhame.

Torban dhufuu kaasee barnootni kutaa 9ffaa kan eegalu ta’uu ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Kaardii barataa dhuufaan maxxansee Biiroon Barnootaa Oromiyaa yeroo gabaabaa keessatti kan raabsu ta’uu beeksisera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.