Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti baatiwwan shanan darbanitti dargaggoota kuma dhibba 1 fi kuma41f carraan hojii uumame

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti baatiwwan shanan darbanitti dargaggoota kuma dhibba 1 fi kuma 41f carraan hojii uumamuu Biiroom Qindeessaa Tola Ooltootaa magaalaa Finfinnee beeksise.
Dargaggoota kutaa magaalicha hunda keessaa walitti babba’an 880f leenjiin badhaadhina biyyaa fi hubannoo walii gala laatamaa jira.
Marii kanarratti Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaatti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa magaalaa Finfinnee obbo Zhaanxiraar Abbay dabalatee hoggantoonni olaanoon magaalichaa argamaniiru.
Bara kana dargaggoota kuma dhibba 2 fi kuma 80f carraa hojii uumuuf karoorfamee hanga ammaatti dargaggoota kuma dhibba 1 fi kuma 41f carraa hojii uumuun danda’amuu itti gaafatamaan Biiroo Qindeessaa dargaggootaa fi Tola ooltummaa obbo Abrahaam Taaddasaa ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa birrii miiliyoona dhibba 2 ramaduun dargaggoota kuma 28f misooma magariisarratti leenjii laachaa jiraachuu himaniiru.
Dargaggoota magaalichaa fayyadamoo taasiisuuf gama dhaabbata Liqii fi Qusannoo Addisiin birriin biiliyoonni 2.6 qophaa’uu dubbataniiru.
Dargaggoota dameewwan hojii garaagaraan hojjechaa jiraniif walitti hidhamiinsi gabaa birrii biiliyoona 5tti tilmaamamu uumamuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.