Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni magaalaa Shaambuu hiriira nagaa ba’uun gochaa ABO Shanee balaaleeffatan

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Godina Horroo Guduruu Wallagaatti jiraattoonni magaalaa Shaambuu fi aanaa Horroo hiriira nagaa ba’uun gochaa ABO Shanee balaaleeffataniiru.
Qaamolee gufuu nageenyaa fi misoomaa ta’an of keessaa baasuun nageenya keenyaa ni mirkaneefannas jedhaniiru.
Jiraattoonni kunneen godina Horroo Guduruu Wallagaatti irra deddeebiin bakka garagaraatti murni ABO shanee gocha sukkanneessaa lubbuu namaa fi qabeenyaa irraa ga’a jiru aadaa fi safuu Oromoo kan faalleesuu waan ta’eef ni balaaleeffanna jedhaniiru.
Oromoon aadaa wal danda’uufi waliin jireenyaa qabuun wanta qabu waliin qooddachuun jiraachuun beekama jedhaniiru.
Haa ta’u malee yeroo ammaa kana aadaa fi safuu kaleessaa keessa ba’uun kan nagaa fi waliin jireenya hawaasa boorreessu of keessaa baasuun nageenya keenya ni mirkanneefannas jedhaniiru.
Akka gabaasa OBNtti hojii mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetaa jirus ni deeggara jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.