Fana: At a Speed of Life!

Boruu eegalee dargaggoota kuma 35f leenjiin mata duree ‘Waliin jireenyaa fi tokkummaa Ityoophiyaa’ jedhurratti ni laatama

Finfinnee, Muddee 25, 2013 (FBC) – Boruu eegalee mata duree ‘waliin jireenya fi tokkummaa Ityoophiyaa’ jedhurratti dargaggoota kuma 35f leenjiin kan laatamu ta’uu Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil ibsaniiru.

 

Waliin jireenya fi tokkummaa Ityoophiyaanootaa cimsuuf dargaggootaaf leenjiin laatamu boru kan eegalamu ta’uu ibsaniiru.

 

Marsaa duraan dargaggoonni dhaabbilee garaagaraarraa eebbifaman kumni 35 leenjicha ni fudhatu jedhan.

Leenjichis giddugalawwan leenjii Yuunvasiitiwwan 22 keessatti laatama jedhan aadde Mufariyaat.

Guyyoota 45f leenjicha erga fudhatanii booda baatii 10f kutaalee biyyaattii garaagaraatti bobba’uun tajaajila hojii tola ooltummaa ni laatu jedhame.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.