Fana: At a Speed of Life!

Uummanni Oromoo waan Ityoophiyaa cabse jijjiiruun enyuyyuu caalaa aarsaa guddaa kaffaleera- Obbo Shimallis

Finfinnee, Muddee 25, 2013 (FBC) – Uummanni Oromoo waan Ityoophiyaa cabse jijjiiruun enyuyyuu caalaa arsaa guddaa kaffaleera preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obboo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Preezdaant Shimmallis qonnaa bulaa, horsiisee bulaa, qooda fudhatootaa, hayyootaa fi dhaabbilee ce’umsa damee qonnaaf gummacha taasiisaniuf magaalaa Adaamaatti beekkamtii fi badhaasa laataniiru.
Gotoonni Oromoo kaleessaa Ityoophiyaa ijaaruu fi ol kaasuuf aarsaa hedduu akka kaffalaan ibsuun,warreen har’aa hiyyummaa fi gadaddoo irratti injiffannoo argamsiisuun “gotootoota hara’ati’ jedhaniiru.
Obbo Shimalli gareen ABUT dhiittaa mirga uumattootaa Ityoophiyaarraan ga’aa ture, cubbuu isaa waliin awwaaluuf deeggarsa raayyaa ittisaaf taasiisaa turaniifiis badhaafamtootaa fi hawaasa galateeffataniiru.
Qormaatileen garagaraa keessa taruun injiffannoo galmeessan dinqisiifataniiru.
Ammas gareewwan badhaadhinaa fi jijjiirrama naannichaa guufachiisuuf sochoo’aa jiran tokkumman dura dhaabachuun barbaachisaadha jedhan Preezdaantiin naannoo Ormiyaa obbo Shimmallis Abdiisaan.
Hoggansi, hayyoonni, hojjattoonni fi caasaan mootummaa sadarkaa sadarkaan jiru hiyyummaa fi rakkoo uummataa furuun jiijjiirrama caaluuf cimnee hojjachuu qabna jedhan. Badhaafmtoonni addaa qusannoo cimsuun ce’umsa diinagdee eegalameen gara investimantiitti ce’uuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Muluu Waaqshumeetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.