Fana: At a Speed of Life!

Godina Wallagga Lixaatti Jiraattonni Aanaa Laaloo Assaabii fi Gullisoo gocha ABO Shanee hiriira fi sakata’iinsa taasisuun balaaleffatan

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Godina Wallagga Lixaatti Jiraattonni Aanaa Laaloo Assaabii fi Gullisoo gocha ABO Shanee hiriira fi sakata’iinsa taasisuun balaaleffatan.
Jiraattonni Aanaa Gullisoo gocha ABO Shanee aannaa isaanii keessatti raawwatu cimsanii kan balaaleffatan ta’uu dubbataniiru.
Bifuma wal fakkattuun Jiraattonni Aanaa Laaloo Assaabiis gocha badii ABo shanee uummatarratti raawwatte balaaleeffataniiru.
Hojii duula balaaleeffannaa amma eegalan kanas amma humnoota kana dhabamsiisanitti namni hunduu mootummaa waliin dhaabbachuun barbaachisaadhas jedhanii jiraattonni.
Akka OBN gabaasetti. Bulchaan Aanaa Laaloo Assaabii obbo Gammachiis Dabalaa fi Itti aanaan waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa Godina Wallagga Lixaa obbo Taaddasee Oljirraa uummanni human ABO shanee uummata dararaa jiru of keessaa saaxiluudhaan gara misooma issaatti deeb’uu akka qaban dhaaman.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.