Fana: At a Speed of Life!

Qophiin talaallii vayrasii koroonaa galchuuf godhamaa jiru akkauma xumuurameen talaallicha kennuu ni jalqabna – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Qophiin laboraatoorii talaallii vaayrasii koroonaa galchuuf godhamu yoo xumuurame lammiilee biyyattii 20% ta’aniif talaallichi akka kennamu Ministirri Deettaan Ministeera Fayyaa aadde Sahaara Abdulah ibsan.
Talaallichan ogeeyi fayyaa fi lammiileen daangaa biyyaa kabachiisan dursa argatu jedhame.
Biyyoonni adunyaa fala vaayirasii kanaaf qorannoo sayinsaawaa taasisaa kan jiran yoo ta’u talaallii akka filannoo tokkootti fudhachun lammiilee isaanif kennu eegalanii jiru.
Akka ibsa kanaatti itoophiyaan adeemsa sayinsawaa hordofuun talaallicha galchuuf qophaahaa turte.
Haaluma kanaan laboraatooriin yaalii talaallichaa biyya keessa galuun suphawa jira.
Talaallichi biyya keessa galuun dura sakatta’iinsa laboraatoorii erga darbee lammiileef akka walgahu godhama.
Akka TOI gabaaseetti, Ityoophiyaan miseensa boordii dhaabbanni fayyaa adunyaa hogganu dhaabbata deeggarsa talaallii CoVKS ta’uun ishee deeggarsa lammiilee talalchisuuf gargaaru akka argattu taasisa jedhan.
Biyyattiin talaallii biyya keessa galchuuf karorfatte 20% bittaa fi deeggartoota irraa kan argamu ilalcha keessa galchuun ,hanqina maallaqaa furuuf dhaabbileen degatrootaa waadaa galan jiraachuu aadde Saharallaan ibsanii jiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.