Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni waraanaa olaanoon garee ABUT hedduun booji’amuu ibsame

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC) – Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu gaggeeffameen hoggantoonni waraanaa olaanoon ABUT hedduun isaanii booji’amuu fi barbadaa’uu ibsameera.
Hoggantoonni waraanaa olaanoon garee ABUT hedduun booji’amuu fi baay’een isaanii ammoo barbadaa’uu itti gaafatamaan qajeelcha humna waraanaa Birgaaderaal Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew mirkaneessan.
Miidiyaaleen garichaa alatti argaman odeeffannoo sobaa tatamsaasaa jiraatanis tarkaanfii humni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisiin federaalaa qindoominaan fudhataniin hedduun isaanii booji’amuu ibsaniiru.
Warreen harka laachuuf eeyyamamoo hin taanerratti tarkaanfiin fudhatamuu dubbataniiru.
Kanneen hafan dhaabbilee amantaa, holqaa fi bool’awwan garaagaraa keessa dhokatanii akka argaman ragaan jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataan gareen Juuntaa hoggantoota olaanoo jalaa du’an akka eenyummaan isaanii hin beekkamneef bifa suukkanneessaa ta’een morma isaanii muree gargara waan gateef adda baasuuf rakkisaa ta’uu ibsaniiru.
Qabeenyi ummataa garichi boolla adda addaa keessati awwaale too’atamuus eeraniiru.
Garichi lubbuun akka jiru fakkeessanii qaamoleen alaa odeeffannoon tamsaasaa jiran dhugaarraa kan fagaate ta’uu Birgaaderaal jeneraala Tasfaayee Ayyaalew dubbachuu isaanii ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.