Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy daldalli bilisaa naannoo Ardii Afrikaa gara hojiitti galuu isaatiif erga baga gammadanii dabarsaan

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad daldalli bilisaa naannoo Ardii Afrikaa gara hojiitti galuu isaatiif erga baga gammadanii dabarsaniiru.

Dooktar Abiy daldalli bilisaa Afrikaa gara hojiitti galuunsaa walitti hidhaminsa uumuu keessatti ga’een isaa guddaadha jedhaniiru.
Akkasumas biyyoota gidduutti wal amantaan akka jiratuu fi walitti hidhaminsa gabaa uumuun badhaadhinni akka dhufuufis ga’een isaa olaanaadha jedhaniiru.
Guyyaa har’a ifatti hojii kan eegalee daldalli bilisaa Afrikaa gaba uummatootta biyyaatti biiliyoona 1.2 fi oomishaalee biyyaa keessaa tilmaama doolaara Ameerikaa biiliyoona 3 kan qabudha.
Waliigaltee daldala bilisaa Afrikaa irratti Eertiraan alaatti biyyoonni Afrikaa 54 mallateessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalat
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.