Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo Magaala Dirree Godootti balaa ibsaa halkan uumameen manneen jireenyaa fi qabeenya irra miidhaan gahe

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC) – Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo Magaala Dirree Godootti balaa ibsaa halkan uumameen manneen jireenyaa fi qabeenya irra miidhaan gahee jira.
Akka kominikeeshiniin Aannaa Noonnoo beekiseetti Magaala Dirree Godoo keessatti mudde 21, 2013 halkan keessaa tilmaamaan naannoo sa’a 6:00 kan ta’u balaa ibsaa uumameen sararri ibsaa wal tuquun balaa uumee qabeenya irraan miidhaa qaqqabsiisee jira.
Balaa dhaqqabeenis manneen jireenyaa lama, mana daldalaa tokko, mana kuusaa midhaanii tokko, mana kuusaa Simmintoo tokko, nana kuusaa boba’aa tokko fi meeshaalee mana keessatti argaman garaa garaa waliin gubuun miidhaa kan geessisee yoo ta’u lubbuu namaa irra miidhaan kan hin geenye fi balichi jiraattota magaalichaan too’atamuu waajirichi beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.