Fana: At a Speed of Life!

Yuunaayitiid Kiingidam ifatti gamtaa Awurooppaarra adda baate

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC) – Bara Faranjootaa haaraa 2021tti Yuunaayitiid Kiingidam hariiroo gamtaa Awurooppaa waliin qabdu adda kutuu ishee ifatti beeksifteerti.

 

Biyyattiin halkan edaa sa’aa 8:00 irraa eegaltee seeroota gamtaa Awurooppaa hordofuu dhaabdeerti.

 

Muummeen Ministiraa Yuunaayitiid Kiingidam Booriis Joonsan ‘bilisummaa keenya goonfanneera’ jedhan.

 

‘Ammaan booda wantoota bifa fooyya’aan raawwachuun ni dandeenya’ jechuun dubbataniiru.

 

Preezdaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Yuunaayitiid Kiingidam deeggartuu fi michuu gamtichaa taatee itti fufti jedhan.

 

Ministiroonni Yuunaayitiid Kiingidam torbee itti aanu dhimmoota garaagaraarratti jijjiirama waan taasisaniif ummanni waan haaraa akka eegu hubachiisaniiru.

 

Naannoo daangaa Yuunaayitiid Kiingidamii fi gamtaa Awurooppaatti dhamaatiin jiraachuu mala sodaan jedhu jiraatus aanga’oonni biyyatti garuu sirna barbaachisu diriirsineerra jedhaniiru.

 

Yuunaayitiid Kiingidam hariiroon gamticha waliin qabnu nu ga’a jechuun bara Faranjootaa 2016 murtoo ummataan murteessuun ishee kan yaadatamuudha.

 

Biyyattiin yeroo ammaa gamtaa Awurooppaa miseensota biyyoota 27 qabu keessaa guutummaatti ba’uu isaa  mirkaneessiteerti.

 

Yuunaayitiid Kiingidam gamtaa Awuraappaa keessa ba’uun irra hin turre namoonni jedhan ammas jiru.

 

Muummeen Ministiraa Iskootlaand Niikoolaa Istaanjiin  namoota morman keessa isaan tokko.

 

Iskootlaandi deebisanii miseensa gamtichaa taasiisuuf Fuula Tiwiitar isaaniin waadaa galaniiru.

 

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ayarlaand gama isaaniin Yuunaayitiid Kiingidam gamtaa Awurooppaa keessa ba’uun ishee waan nama gammachiisu miti jedhan.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.