Fana: At a Speed of Life!

Damee Albuudaan gabaa alaa guddisuun kallattii yeroo itti aanuti – Injiinar Taakkalaa

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC) – Damee Albuudaan fedhii biyyaarratti xiyyeeffachuu fi gabaa alaa guddisuun kallattii yeroo itti aanu ta’uu Ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsan.
Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa qabeenya kuufamaa damee Albuudaa ilaalchisee ibsa laateera.
Ityoophiyaatti qabeenya uumamaa iddoolee garaagaraatti argamu yeroo dheerafa qoratama turan qindaa’uun oomishaaf qophii ta’uu ibsameera.
Iddoolee qophaa’anitti dhaabbileen sirnaan hojiirra hin oolchine eeyyamni isaanii haqamuu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.
Iddoolee kanneen gara hojiitti galchuuf yeroo dhiyootti caalbaasiin idil addunyaa kan ba’u ta’uu himaniiru.
Qabeenya Albuudaa fi Boba’aa Ityoophiyaan qabdu beeksisuun Invastimantii harkisuu keessatti miidiyaaleen shoora isaanii akka ba’an Injiinar Taakkalaan waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Ministeera Albuudaa fi Boba’aarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.