Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu godina Gujii Lixaatti Hidha Gidaaboo aanaa Abayyaa daawwate

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC)- Jilli Sadarkaa itti aanaa Preezdaantii fi Qindeessaa Kilaastera Misooma Baadiyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu godina Gujii Lixaatti Hidha Gidaaboo aanaa Abayyaatti Birrii biiliyoonaa 1fi miiliyoona kuma 200n hojjetame hawaasni misooma jallisiin fayyadamaa jiru daawwateera.
Proojektiin Hidha jallisii Gidaaboo kun waggaa tokko dura Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamee ture hawaasa nannoolee Oromiyaa fi kibbaaf misooma jallisiin tajaajila jira jedhameera.
Proojektichi Oromiyaatti lafa heektara kuma 8 kan misoomsu yoo ta’u, annoo Sidaamaatti immoo lafa heektara kuma 5 misoomsuu danda’aa jedhameera.
Hawaasni ganda Gololchaa jallisii Hidha Gidaaboo irraa Qamadii misoomsaa jiranis, kanaan dura horsiisaa looniin jiruuf jireenya keenya gaggeeffanaa, amma garuu mootummaan jireenya keenya qonnaatis akka jijjiruuf nu gargaareera jedhan.
Dooktar Girmaa Amanteen jiruu fi jireenya qonnaan bultoota nannoo Oromiyaa qonnaa fi horsiisa beelladaan jijjiiruuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraa jedhaniiru.
Akka gabaasa OBNtti daandiin hawaasa aanaa Abayyaa fi nannoo kibbaa wal qunnamsiisu Abayyaa Nachi Saar kiloo meetirri 71.5 Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 26 oliin bara 2007 eegalee hojjetamaa jira jedhameera.
Bara kanas baajata Mootummaan Naannoo Oromiyaa dabalataan ramadeen xumuramuuf % 90 irraa kan ga’e ta’uu, daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa Injiinar Dajanee Fiqaaduu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.