Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamuu godina Gujiitti bu’uraalee misoomaa garaagaraa daawwate

Finfinnee, Muddee 19, 2013 (FBC)- Jilli Sadarkaa itti aanaa Preezdaantii fi Qindeessaa Kilaastera Misooma Baadiyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu godina Gujii aanaa Liiban ganda Simminttootti bu’uraalee misoomaa garaagaraa daawwateera.

Jilichi proojektiin bishaan dhugaatii loonii fi nama tajaajiluuf cimmifame,Birrii miiliyoona 5 fi kuma 500n hojjetamee hawaasaaf tajaajilaa laachaa jiru kan daawwate.

Proojektiin bishaanii horii fi nama tajaajiluu kun bara 2012 kana hojjetamee xumurame.

Proojektichi loon kuma 100 fi kuma 16, abbootii warraa kuma 4 fi 786 taajaajila laachuu danda’aa jedhameera.

Akka gabaasa OBNtti komishiinarri Komishinii Qindeessaa Misooma naannoo horsiisee bulaa Oromiyaa obbo Roobaa Turchee, proojektiin ganda Simminttootti hojjetame kun gaaffii hawaasaa yeroo dheeraa kan deebiseedha jedhan.

Dooktar Girmaan jiruuf fi jireenya horsiise bulaa jijjiiruuf, bishaan ,nyaata beelladaa,bakka qorraannoo fi giddugala gabaa mijeessuuf hojjetama jira jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.