Fana: At a Speed of Life!

Miseensoonni mana maree bakka bu’oota FDRI ummataa karoora waggaa 10 irratti marii’achaa jiru

Finfinnee, Muddee 19, 2013 (FBC) – Miseensoonni mana maree bakka bu’oota FDRI ummataa karoora waggaa 10 irratti marii’achaa jiru.
Adeemsa qophii karoorichaa ilaalchisun Komishinarri Komishinii Karooraa fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaa ibsa laataniiru.
Qophii Karooricha irratti qaamoolee dhimmi ilaalatu hirmaachisuu kan ibsan Dooktar Fitsuum Asaffaa dhimmoota rakkoo Ityoophiyaa hiikaan irratti kan xiyyeeffate ta’uu himaniiru.
Af-Ya’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo gama isaaniin, kanaan dura wayita karoorri bahu ummata kan hin dhaggeeffane ta’uu eeruun, qophiin karoora waggaa 10 kun ummata dhaggeeffachuuf yaalii taasisuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.