Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Beenishaanguul Gumuuzif deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 8.6tti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Muddee 18, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Beenishaanguul Gumuuzif deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miiliyoona 8.6tti tilmaamamu taasise.
Deeggarsicha kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti gorsaa ijaarsa ummataa obbo Shisammaa Gabra Sillaasee bakka hoggantoonni hojii olaannoo Beenishaanguul Gumuuz argamanitti laataniiru.
Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Naannoo Beenishaanguul Gumuuz obbo Taaraqany Taasisaa akka ibsanitti deeggarsa magaalichi taasisee galateeffataniiru.
Obbo Shisammaa Gabra Sillaasee gama isaaniin, haleellaan klammii nagaa godina Matakkalirratti raawwate gaddisiisaa ta’uu eeruun, balaaleffatamuu akka qabu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.