Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa milishoota 378 mooraa koolleejjii Leenjii Poolisii Oromiyaa damee Bulbulaatti leenjisaa ture eebbise

Finfinnee, Muddee 18, 2013 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa milishoota 378 mooraa koolleejjii Leenjii Poolisii Oromiyaa damee Bulbulaatti leenjisaa ture eebbise.
Milishoonni kunneen dhimmoota heera mootummaa, dambii fi qajeelfama milishaa , imaammata mootummaa fi tooftaa loltummaa leenji’aa turuu Hogganaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Makuriyaa Dinquu himaniiru.
Qaamolee milkaa’ina leenjichaaf tumsanis obbo Makuriyaan galateeffataniiru.
Akka OBN gabaasetti sirna eebbaa kanarratti daarekterri Olaanaa Yuuniversiitii koolleejjii poolisii Oromiyaa kaadhimamaa dookteraa gargaaraa Koomishinaraa Geetaachoo Ittaanaa, Kantiibaa Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee dabalatee hoggantoonni olaanoon bulchiinsa Magaalaa Adaamaa argamaniiru.
Qaamota milkaa’ina leenjichaaf tumsanii fi leenjistoota raawwii Olaanaa galmeessaniif beekamtiin kennameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.