Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan simannaa Frewaynii Mabiraahtuu ni taasifama jedhame

Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – Sagantaan simannaa badhaasa “ Gootummaa” bara Faranjoota 2019 CNN kan injifatte Frewaynii Mabiraahtuu ni taasifama jedhame.

 

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee barattoota shamaranii mana barumsaatti barataniif moodesii fi meeshaalee qulqulina eegaan kanneen biro dhiyeessuuf qaamolee garagaraa waliin qindoominaan hojjechaa jira.

 

Bu’uuruma kanaan Muddee 28, 2012 galma Barkumeetti sagantaa meeshaalee walitti qabuu qophaa’uu qindeessituun sagantichaa ibsa laataniiru.

 

Sagantichaan moodesii kuma 700 fi paantii dubartoota kuma 200 walitti qabuuf karooraa qabaachuu kan ibsame yoo ta’u, saganatirratti tola ooltonni kuma 20 ol akka hirmaatan himameera.

 

Sagantichaarratti sirni simannaa badhaasa “ Gootummaa” bara Faranjoota 2019 CNN kan injifatte Frewaynii Mabiraahtuu ni taasifama.

 

Dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa meeshaalee qulqullina shamarannii kan eegaan qabatanii akka dhufaan qindeesituun korichaa ibsaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.