Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Fiqaaduu Tasammaatiin durfamu Jimmaatti hojiiwwan misooma dargaggootaan hojjetaman daawwate

Finfinnee, Muddee 17, 2013 (FBC)- Jilli itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhina Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaatiin durfamu,magaalaa Jimmaatti hojiiwwan misoomaa dargaggootaan hojjetamanii fi gamoo abbaa urjii 5 Yuunvarsiitii Jimmaatiin Hojjetamaa jiru daawwateera.

Yuunvarsiitiin Jimmaa hoteela Abbaa Urjii shanii waan hunda bakka tokkitti guuttate, sadarkaa hoteelota addunyaatin magaalaa Jimmatti ijaaraa jira.

Hoteelichi galma walga’ii 6, kutaa ciisichaa 240, kutaa dubbisa ammayyaa, bakka qophii fi agarsiisa bunaa, waajjiraalee fi kutaa barnootaa adda addaa fi bakkeewwan bashannanaa garagaraa of keessaa akka qabu, itti aanaan preezdaantii fi itti gaafatamaa dhimma tajaajila barattootaa Yuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Qananiisaa Lammii himaniiru.

Jilichi hojii dargaggoota waldaan gurmaa’anii hojii sibilaa fi mukaarratti bobba’anii hojjetaa jiranis daawwateera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.