Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti baatiwwan shanan darbanitti dargaggoota kuma dhibba 1 oliif carran hojii umamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 17, 2013 (FBC)-Magaalaa Finfinneetti baatiwwan shanana darbanitti dargaggoota kuma dhibba 1 fi kuma 18f carraan hojii uumamuu Biiroon Misoomaa Intarpiraayizii Carraa Hojii Uumuu magaalaa Finfinnee beeksisee.
Hogganaan biiricha obbo Yimar Kabbadaa, baatiwwan shanan darbanitti lammiileef dameewwan garaagaraatin carraa hojii uumamuu ibsaniiru.
Bara baajatichatti lammilee kuma dhibba 1 fi kuma 54 carraa hojii uumuuf karoorfameen lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 18f carra hojii uumameera jedhan.
Dargaggoota, dubartoota fi eebbifamtoota yuunvarsiitiiwwaniif bu’uraa godhachuun dameewwan qonnaa, oomishaa, daldalaa, tajaajilaa fi ijaarsaa irratti akka bobba’an taasifameera jedha.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.