Fana: At a Speed of Life!

Akaakuun vaayrasii koroonaa haaraan Faransaayiitti argame

Finfinnee, Muddee 17, 2013 (FBC)- Faransaay gosa vaayrasii koroonaa saffisaan daddarbuu fi kan dhiheenya Ingiliiz keessatti mul’atee kan jalqabaa biyyattii keessatti argamu mirkaneessite.

Ministeerri Fayyaa Faransaay akka ibsetti,akaakuun vaayrasii kanaa lammiin biyyatti Muddee 19 Landanii deebi’uun giddugala magaalaa keessatti argamera jedhe.

Namni dhunfaa vaayrasichaan qabamee kun mallattoo dhukkubbii kan hin qabnee yoo ta’u, ammatti manatti adda of baaseera jedhameera.

Dabalataanis Taayilaanditti vaayrasii haaraa kanaan namoonni 110 qabamuu mirnaa’eera.

Gosti vaayrasii haaraa Ingiliiz keessatti mul’achu isaatiin wal qabatee biyyoonni hedduun imalaa achi dhufuuf daangaa isaanii dhorkaniiru.

Maddi:-BBC fi Aljaziira

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.