Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Farra Malaammaltummaa akka Naannoo Oromiyaatti kabajame

Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – Guyyaan Farra Malaammaltummaa akka Naannoo Oromiyaatti Magaala Adaamatti kabajameera.

Bakka bu’aan komishiinaraa komishiinii naamusaa fi farra malaammaltummaa naannoo Oromiyaa Obbo Geetuu Hundumaa Hasaa Kabaja Guyyaa farra malaammaltummaa irratti taasisaniin “malaammaltummaan rakkoo akka Addunyaatti mul’atu waan ta’eef waliin irratti qabsaa’uu qabna jedhan.

Malaammaltummaan gufuu misoomaa, gufuu dimookiraasii fi guddinnaa ta’uun isaa hubachuun dhaloota hanna irratti qabsa’uu fi hoj-maata badaa balaaleffatu uumuuf tumsaan hojjachuun murteessaa ta’uus dubbataniiru.

Maatin guddinna daa’immanii fi dargaggoo daandii sirrii qabsiisuurratti hojjachuun dhaloota haaraa jijjiirama fiduuf hojjatu oomishu qabu jedhan Obbo Geetuun.

Akka ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo oromiyaarraa muldhisutti,haala amma jiruun karaa Aadaa, duudhaa fi safuu keenya hin eegganneen malaammaltummaa fi hattummaan yeroo babal’achaa jirudha waan ta’eef, Ummanni badii hannaa irratti miira cimaan hadheeffatee qabsaa’uu qaba jedhaniru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.