Fana: At a Speed of Life!

Akka biyyaattii baatiiwwan keessa jirruu fi aanani dhufanitti ayyaanoota kabajaman fi gaa’ila raawwatamanirratti hawaasni ofeeggannoo taasisu qaba

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC) – Ministirri fayyaa FDRI fi Dhaabbilee amantaa Ityoophiyaa Akka biyyaattii baatiiwwan keessa jirruu fi itti aanani dhufanitti ayyaanoota kabajaman fi gaa’ila raawwataman guyyaa har’aa irraa eegalee hawaasni ofeegannoo taasisuu qabuu irratti ibsa laatan.
Ministir Deettaan Ministira Fayyaa Ityoophiyaa Saharal Abdullaahi erga vaayirasichii gara biyyaa seenee kaasee qorannoona samuudaa namoota miiliyoona 1 olif taasifamuu himaniru.
Wantoota dhibichii akka babbal’atuuf sababa ta’aan keessaa kabaja ayyaana waliini fi gaa’ila waan tayeef taateewwan akkasii yeroo kabajnutti ofegannoo barbaachisuu taasisuu akka qabnu hubachisaniiru.
Qaamoleen kanaan dura ittisa vaayirasichaa irrattii hojiiwwan adda addaa iddoowwan garagaraatti hojechaa turan gahee isaanii akkuma kanaan duraatti bahaachuu akka qabanis waamicha dhiyeesaniŕu.
Ibsichaan Barreessaan Dhaabilee Amantaa Ityoophiyaa Qasiis Taagaay Taaddala sababa covid_19 dhaabbileen amantaa kabaja ayyaanota waliinii yeroo kabajamutti fayyaa hawaasaa eeguuf gahee isarraa eegamuu bahaachuuf qophii ta’uu himaniru.
Kana malees torban dhufanitti Ayyaanotni kabajaman yeroo kabajaman irrattii hordoftonnii amantichaas gara dhaabbilee amantaattii yeroo deemanitti ofegannoo barbaachisuu taasisuu akka qabuus akeekachiisaniruu.
Kabaja Ayyaanotaaf akka kanaan duraa manneen amantaa kan cufaman osoo hin taane hordooftonni amantichaa gara mana amantaattii yeroo deemanitti;
– Haguugii afaani fi funyaanii ufachuun,
-Hordooftonni amantichaa fi hawaasni fageenya isaanii akka eegatan
-Tutuqqi meeshaa irraa of qushachuu fi haarka ofii qulqulefachun kan kabajamuu ta’uu himaniiruu.
Jamiilaa Jamaaltu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.