Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaa fi Siwiidiin deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiif Doolaara miiliyoona 24 taasiisan

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC) – Deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiif Ameerikaan Doolaara miiliyoona 18, Siwiidiin ammoo Doolaara miiliyoona 6 taasiisaniiru.
Deeggarsi Ameerikaan taasiifte lammiilee Ityoophiyaa keessatti buqqa’anii fi buufata baqattootaa Sudaan keessatti argamaniif deeggarsa barbaachisu dhiyeessuuf kan oolu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksiseera.
Deeggarsi Siwiidiin taasiifte ammoo gama Waldaa Fannoo Diimaa idil addunyaa, Sagantaa Nyaata Addunyaa fi Ejansii Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin lammiilee naannoo Tigraayitti miidhan irra qaqqabeef kan dhiyaatu ta’uu eerrameera.
Deeggrsi mootummaa Siwiidiin taasiifame deeggarsa biyyattiin hanga ammaatti taasiisaa turte dabalataan ta’uu Siwiidiinitti Imbaasiin Ityoophiyaa beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.