Mariin jalqabaa Kaawunsilii Saayinsii Ityoophiyaa gaggeeffama jira
Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC)- Mata duree ‘Saayinsiin Misoomaa fi Badhaadhina Ityoophiyaaf’ jedhuun waltajjiin maree kaawunsilii Saayinsii Ityoophiyaa Finfinneetti gaggeeffama jira.
Maricharrattii Gorsituu Dhimmoota Hawaasummaa Muummicha Ministiraa Proofeesar Hiruut Walda Maariyaam, Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Hurkatoofi hoggantoonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.
Waltajjicharratti mata dureen ijoo garagaraa dhiyaachuun mariin ni taasifama.
Kaawunsiliichan miseensoonni Ministeera Saayinsii fi Dhabbilee Barnoota Olaanoo 65 irratti argamaniiru.