Fana: At a Speed of Life!

Mariin waloo dhaabbilee demookiraasii federaalaa har’a Jigjigaatti ni gaggeeffama

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC)- Jilli Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoon durfamuu magaalaa Jigjigaa galeera.
Jilichi preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii, itti aantuun Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Ummataa aadde Shittaayee Minaalee, Komishinara Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Dooktar Daani’eel Baqqalaa dabalatee hoggantoonni olaanoon dhaabbilee demookiraasii federaalaan haammatameera.
Hoggantoonni kunneen wayita buufata xiyyaaraa Wiilwaal ga’an itti aanaan preezdaantii naannoo Sumaalee obbo Ibraahiim Usmaanii fi Af Yaa’iin mana maree naannoo Sumaalee obbo Maaloow Ibraahiim dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa biroon simmannaa taasisaniifiru.
Mariin waloo dhaabbilee demokiraasii federaalaa waggaatti yeroo lamaa akka gaggeeffamuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.