Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa Leetanaal koloneel Birihaanuu Baayehii fi Leetanaan jeneraal Addis Tadlaan Imbaasii Xaaliyaanii akka ba’an ajaje dabarse

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Galmee Mangiftuu Hayilamaariyaafaa jalatti kan himataman leetanaal koloneel Birihaanuu Baayehii fi Leetanaan jeneraal Addis Tadlaan Imbaasii Xaaliyaanii akka ba’an ajajni darbuu ibsame.

Manni Murtii olaanaa federaalaa leetanaal koloneel Birihaanuu Baayehii fi Leetanaan jeneraal Addis Tadlaan Imbaasii Xaaliyaanii akka ba’an Abbaa Alangaa waliigalaa fi Komishinii Poolisii Federaalaaf ajaje dabarseera.

Manni Murtichaa waggoota 30 darbaniif Imbaasii Xaaliyaanii Finfinneetti argamu keessa kola galanii kan turan himatamtoonni lameen iddoo jiranii gadi lakkifamuu qabu jechuun iyyannoo dhiyaate erga qoratee sagalee caalmaan murtee laatera.

 

Haaluma kanaan leetanaal koloneel Birihaanuu Baayehii fi Leetanaan jeneraal Addis Tadlaan imbaasicha gadi lakkifamuu qabu jechuun Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Komishinii Poolisii Federaalaaf ajaje dabarseera.

 

Ajajichi kallattiin Imbaasii Xaaliyaaniif osoo hin taane gama Ministeera Dhimma Alaan imbaasichaaf  fi himatamtoota lameeniif akka qaqqabu ajajeera.

 

Himatamotoonni lameen mana murtiin kan gadi lakkifaman ta’uu beekuun mirga isaanii kabachiifachuuf eeggumsas ta’ee hordoffiin akka taasiifamuuf qaama dhimmi ilaallatuuf akka barreeffamu Manni murtichaa ajajeera.

 

Leetanaal koloneel Birihaanuu Baayehii umrii waggaa 85 yoo ta’an, Leetanaan jeneraal Addis Tadlaan ammo umrii waggaa 77 ta’u jedhame.

 

Leetanaal koloneel Birihaanuu Baayehii Ministira Ministeera dhimma alaa ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, Leetanaan jeneraal Addis Tadlaan Itaamaajoora Shuumii humna waraanaa ta’uun tajaajilaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.