Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Barnoota barattootni manatti hafan haala itti mana barnootatti deebi’anirratti hooggantoota hojii olaanoo mootummaa waliin marii’ate

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Ministeerri Barnoota barattootni manatti hafan haala itti mana barnootatti deebi’anirratti hooggantoota hojii olaanoo mootummaa waliin marii’ate.
Maricharratti Ministeera Fayyaa, Ministeera Dubartootaa fi Daa’immanii, Ministeera Qonnaa, hoggantootaa hojii olaanoo fi biiroo Paartii Badhaadhinaa naannolee hundaa hirmaataniiru.
Weerara vaayrasii mudateen baatii sagal booddee manneen barnootaa adeemsa baruu fi barsiisuutti galanis, barattoonni akkataa eegameen barnoota isaanirratti hin argamne.
Ministirri Barnootaa Dooktar Geetaahuun Makuriyaa guyyaa boruu irraa eegalee mata duree “ Gara mana barumsaatti haa deebinu!” jedhuun sochiin kan eegalu ta’uu fi waajjiraale seektara hundi sochirratti akka hirmaatan ibsaniiru.
Sochichi guyyoota 5f kan itti fufu yoo ta’u, barattoonni mana barumsarraa hafan gara mana barumsaatti akka deebi’an taasisuuf kan kaayyefate ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.