Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti hojii hojjetamaa jiruun milkiin gaariin jiraachuun ibsame

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – karoora mootummaan qamadii biyya alaa galu biyyuma keessatti oomishuuf baafateen hanga ammaatti Naannoo Oromiyaatti hojii hojjetamaa jiruun milkiin gaariin jiraachuudha kan himame.
Karoora mootummaan qamadii biyya alaa galu biyya keessatti oomishuu jedhu baaseen Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan abdachiisoon hojjetamaa jiraachuu Sadarkaa preezdaantii Mootummaa naannoo oromiyaatti qindeessaan kilaastera Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan himaniiru.
Akka naannoo Oromiyaatti qamadii alaa galu biyya keessatti oomishuuf Labsii Adaama(Adama declaration) dhaadannoo jedhuun Hojiitti galamee hojjetamaa jira.
Jilli obbo Addisuu Araggaatiin durfamu Godina Baaleetti hojiiwwan qonnaa hojjetamaa jiran daawwateera.
Godina Baalee Aanaalee akka Sinaanaa fi Gooroottis hojiiwwan misooma qonnaa jallisiin hojjetamaa jiran daawwatamaniiru.
Akka Aanaa sinaanaatti qofaa bara kana qonnaa jallisiitiin Qamadii oomishuuf Lafti hektaarri 763 qophaa’ee sanyiinis irratti faca’eera.
Akka Naannoo Oromiyaatti,bara kana qonna Jallisii Qamadiitiin, Qamadii kuntaala miliyoona 15 oomishuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 165 Qonnaa jallisiitiif qotamee qophaa’eera.Hektaarri kumni 65 ammoo sanyiidhaan uwwifameera.
Sanyiin Qamadii kuntaalli kumni 80n qonnaan bulaaf raabsameera. Oomisha qonnaa jallisiif kan oolu, Paampiin 4000 raabsameera.
Paampiiin tokko hanga lafa hektaara 50 bishaan obaasuu danda’a. Ityoophiyaan Oomsha qamadii kuntaala miliyoona 27 waggaa waggaatti alaa galchiti.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.