Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’insi naannoo daangaa Ityoophiyaa fi Sudaanitti uumame ummataa fi mootummaa biyyoota lamaanii bakka hin bu’u – Waajjira Muummee Ministiraa

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Walitti bu’insi naannoo daangaa Ityoophiyaa fi Sudaanitti uumame ummata biyyoota lamaanii gidduutti walshakkii fi walitti bu’insi akka uumamuuf hojii qamolee ajandaa dhokataa baatanii socho’anii ta’uu mootummaan beeksise.
Ta’ichan ilaalchisuun waajjirrii muummee ministiraa ibsa baaseen rakkoon uumame fedhii mootummaa Ityoophiyaas ta’ee Sudaanii miti jedheera.
Gochichi ummata biyyoota lamaanii gidduutti walshakkii fi walitti bu’insi akka uumamuuf hojii qamolee ajandaa dhokataa baatanii socho’anii ta’uu ibseera.
Haata’uuti biyyoonni lameen rakkoo isaanii mariin hiikkachuuf akka carraaqan mootummaan Ityoophiyaa beeksiseera.
Walitti bu’insi naannoo daangaa Ityoophiyaa fi Sudaanitti uumame ummataa fi mootummaa biyyoota lamaanii kan bakka hin buunee fi kan hin maadaalle ta’uu ibsichaan beeksiseera.
Hariiroon biyyoota lameenii baroota dheeraa lakkoofsise humnoota ajandaa badii baatanii adeemaniin akka hin ugguramne ibsuun, nageenya biyyoota lameenii mirkaneessuuf waliin hojjetamaa akka jiru ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.